Nisaa'ul Jannah Media

Nisaa'ul Jannah Media Dubara

📢✨ Yaadachiisa Hatattamaa ✨📢“Akkamitti galmoofna?”❓ Akkamitti Foormii guuttanna. ❓️“Galmaa’uu keenya akkamitti beekna?”j...
22/05/2026

📢✨ Yaadachiisa Hatattamaa ✨📢
“Akkamitti galmoofna?”❓ Akkamitti Foormii guuttanna. ❓️
“Galmaa’uu keenya akkamitti beekna?”
jechuun gaaffilee nu gaafachaa jirtu. Kanaaf ibsa gabaabaa isinif qabna 👇
📌 Marsaa jalqabaaf, chaanaala barnootaa kana keessatti makamuun keessan akka galmee jalqabaatti ilaalama.

📚 Barnootaa fi odeeffannooleen barnootaa waliin walqabatan hundi chaanaala kana irratti yeroo hunda ni maxxanfamu.

🖥️ Linkiin galmee pilatfoormii irratti odeeffannoo keessan guutuu itti galchiitan guyyaa Kibxataa 02/06/2026 ni banama.
Yeroo sanatti hundi keessan odeeffannoo barbaachisu ni guuttattu.

🌟 Barnoonni, fadhii Rabbiitiin,
Guyyaa Roobii 01/07/2026 irraa eegalee ifatti ni jalqaba.
🔗 Galmaa’uu fi namoota birootti qooduuf:
https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa⁠

✨ Akkaadaamii Afriikaa
🎓 Marsaa Jalqabaa
💡 Ifaa Beekumsaa Nama Hundaaf!

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii إذاعة القران الكريم Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -المجلس أوروميا

Guyyaa Nabi Muhammadﷺ dhalatan, Bara Arbaa ( Aamul Fiil jedhamee beekam ) Kana males taateewwan hedduutu, Kanneen keessa...
22/05/2026

Guyyaa Nabi Muhammadﷺ dhalatan, Bara Arbaa ( Aamul Fiil jedhamee beekam ) Kana males taateewwan hedduutu, Kanneen keessaa 5 Kunooti

( 1 ) Duula Abrahaa fi Arba Ka’abaa (Aamul Fiil)
Namichi Abrahaa jedhamu Ka’abaa diiguuf arbaa guddaadhaan dhufe; garuu Rabbii Allaattii" qubirds (Xayran ababil) jedhamtu itti ergee isaan balleesse.
= Kanaaf barri Sun Bara arbaa /. Year of the Elephant, Jedhamee, waamama.

( 2 ) Ibidda Majuusotaa (Persia) kan waggaa dheeraa ibsaa turte Ni dhaamte,
Ibidda isaanii waggoota hedduu hin dhaamne, ture; yeroo nabiin dhalatan Ni dhaamte jechuun seenaa Islaamaa keessatti ni dubbatama.

( 3 ) Masaraa mootummaa Faaris keessaa kutaan isaa gariin Caccabuu .

= Masaraa mootummaa Kisraa (Persia) keessatti dallaan ykn kutaan masaraa ni caccabe jechuun ni himama.

( 4 ) Haroo Saawah (Persia) goggoguu"

Paaris keessatti Haroon guddaan isaanii yeroo dheeraaf bishaan qabatee jiru Guyyaa Nabiin dhalatu ni gogee jechuun seenaa keessatti Nihimama.

( 5 ) Urjiiwwan fi mallattooleen adda addaa samii irratti mul’atuu.

= Barreessitoonni hedduun dhaloota nabiitiif mallattoolee gurguddaa waan dinqisiisaa ta’eetu mul’ate jedhanii himu.

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii إذاعة القران الكريم خديجة بن قنة

➡️  Ela, Hiriyoota Sibarbaachisa Yoo ta'e , Warra iccitii kee eegan, badii kee dhoksan, Kan yeroo rakkinaatti si cinaa d...
22/05/2026

➡️ Ela, Hiriyoota Sibarbaachisa Yoo ta'e , Warra iccitii kee eegan, badii kee dhoksan,

Kan yeroo rakkinaatti si
cinaa dhaabbatan, fedhii ofii caalaa siif dursa kennan,
➡️ Kan hojiikee gaarii babal’isan, kan badaa kee bira darban qofa Hiriyaa godhadhu.

Nama akkasii argachuu yoo dadhabde, Matuma kee Hiriyaa Godhadhu, Nimiidhamtaafin Siin Jedheem.

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii إذاعة القران الكريم

Namoota kuma 70,000   Salaata Juma'aa guyyaa har'aa masjiida kabajamaa Al Aqsaa 🕌 Al Quds Fala🇵🇸sxiin irraaNisaa'ul Jann...
22/05/2026

Namoota kuma 70,000
Salaata Juma'aa guyyaa har'aa masjiida kabajamaa Al Aqsaa 🕌 Al Quds Fala🇵🇸sxiin irraa

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii إذاعة القران الكريم

Hiriyoota sadeen baatiiwwan 7 ol Fardaan imalanii   dhaqaniifi seenaa Islaamaa deebisan.Nisaa'ul Jannah Media Visit Orom...
22/05/2026

Hiriyoota sadeen baatiiwwan 7 ol Fardaan imalanii dhaqaniifi seenaa Islaamaa deebisan.

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii LOVE

Miidiyaalee Sagantaa Iidaa Hojjataniif Ergaa Dabarsan Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Majllisa Magaalaa Finfinnee E/g Usta...
21/05/2026

Miidiyaalee Sagantaa Iidaa Hojjataniif Ergaa Dabarsan Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Majllisa Magaalaa Finfinnee E/g Ustaaz Gaali Abbaa boor

Duruus tv Caamsaa 13/2018

Miidiyaaleen sagantaa ayyaana Iidaa dabarsan kan mootummaas ta'ee kan dhuunfaa namoota naamuusa Islaamaa eeggatanii waa'ee iidaa sirriitti ummata barsiisuu danda'an irraa waraaba Hawaasaf ergaa Islaamummaa Of keessa qabu Dabarsaa

Mana namoota dhuunfaatti kan seera Islaamaa faallessan irraa Sagantaa waraabdanii waan seera Islaamaa balleessu hin dabarsinaa.

Qabxiin ijoon immoo namoota akka sheekaatti ykn hayyuu Islaamaatti dhiheessitan Majlisa irraa adda baafadhaa. Namoota wallaalaa waa'ee Islaamaa sirriitti hin beekne yoo dhiheessitan dogoggora uumee ummata Muslimaa dallansiisee miidiyaa keessanis maqaa balleessa. Taateen akka kanaa qabatamaan jidduu kana mullataa ture.

Kanaafuu nama waa'ee amantii Islaamaa ibsuuf affeertan irratti of eeggannoo godhaa. Yoo danda'ame majlisa akka federaalaa, Oromiyaa, Finfinnee ykn kanneen sadarkaa godinaatti jiran irraa adda baafadhaa. Ykn Ulmaa'ota du'aatota beekamoo fayyadamaa ergaa jedhun Dabarsan.

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -المجلس أوروميا Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል Abiy Ahmed Ali

■ Bara Hijaabaan Barachuun Dhibee Ulfaataa ta'ee jiru Kana Keessatti, wonti Ati haajomtu Hundi Barnoota Sigaafata. ❓️Gar...
21/05/2026

■ Bara Hijaabaan Barachuun Dhibee Ulfaataa ta'ee jiru Kana Keessatti, wonti Ati haajomtu Hundi Barnoota Sigaafata. ❓️
Garuu Worri Qullaa Adeemu Tasgabbiidhaan Barataa,

yaa Rabbii Rakkoon Hijaabaa kun Yoom Furmaata Argata 🥺❤️❓️

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii إذاعة القران الكريم Asendabo Muslim Youth Council

Hayyoota Islaamaa gurguddoo addunyaa irratti beekamoo ta’an keessaa, kanneen amma lubbuun jiran 5 :➡️ Assim Al-Hakeem – ...
21/05/2026

Hayyoota Islaamaa gurguddoo addunyaa irratti beekamoo ta’an keessaa, kanneen amma lubbuun jiran 5 :

➡️ Assim Al-Hakeem – Da’iifi hayyuu Islaamaa beekamaa; gaaffii fi deebii amantii irratti bal’inaan beekama.

➡️ M***i Menk – Sheekha beekamaa, gorsa jireenyaa fi da’awaa salphaa namatti galeen beekama.

➡️ Yasir Qadhi – Barataa Islaamaa fi barsiisaa aqiidaa, seenaa Islaamaa fi fiqhi irratti beekama.

➡️ Othman Al-Khamis – Hayyuu Islaamaa fi barsiisaa beekamaa, gaaffii amantii irratti bal’inaan beekama.

➡️ Muhammad Salah – Da’ii fi barsiisaa Islaamaa, sagantaalee TV Islaamaa irratti beekama.

= Jechoota isaanii Qaqqaalii, Isiniifin Fida inshaa allaah.

://t.me/N_J_Media

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii إذاعة القران الكريم خديجة بن قنة

■Masjiidota Gurguddoo Addunyaa Kanaa, Kan yeroo tokkootti, Namootaa Baayyee Qabachuu danda’an. ➡️ Masjid al-Haram — Saud...
21/05/2026

■Masjiidota Gurguddoo Addunyaa Kanaa, Kan yeroo tokkootti, Namootaa Baayyee Qabachuu danda’an.

➡️ Masjid al-Haram — Saudi Arabia
Namoota hanga 4,000,000+ yeroo Hajjii fi Umraa irratti qabachuu danda’a.

➡️ Al-Masjid an-Nabawi — Saudi Arabia Namoota 1,000,000+ ol simachuu danda’a.

➡️ Imam Reza Shrine Mosque — Iran
Namoota 700,000+ ol.

➡️ Jamkaran Mosque — Iran
Namoota hedduu kumaatamaan simata.

➡️ Faisal Mosque — Pakistan
Namoota 300,000+ ol.

➡️ Istiqlal Mosque — Indonesia
Namoota 200,000+ ol.

➡️ Djamaa el Djazaïr (Great Mosque of Algiers) — Algeria
Namoota 120,000+ ol.

➡️ Badshahi Mosque — Pakistan
Namoota 100,000+ ol.

➡️ Sheikh Zayed Grand Mosque — United Arab Emirates
Namoota 40,000+ ol.

➡️ Hassan II Mosque — Morocco
Namoota 25,000+ ol.

Kan duraa lamaan jechuun Masjiida Al Haram fi Masjiid Al Nabawiin baay’inaan namoota qabachuu keessatti addunyaa irratti sadarkaa olaanaa qabu. ☪️

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii إذاعة القران الكريم Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -المجلس أوروميا خديجة بن قنة

 Baayyee tokko Das Nama jedhaam 😎😋🤣Jechoota Gaggaarii Nisaa'ul Jannah Media
21/05/2026

Baayyee tokko Das Nama jedhaam 😎😋🤣

Jechoota Gaggaarii

Nisaa'ul Jannah Media

Jechoota gabaaboo, ergaa guddaa qaban kan Zakir Naik irraa Maddan, keessaa 10 1. “Dhugaan tokko qofa; garuu namoonni gar...
20/05/2026

Jechoota gabaaboo, ergaa guddaa qaban kan Zakir Naik irraa Maddan, keessaa 10

1. “Dhugaan tokko qofa; garuu namoonni gara dhugaa san Dhaquuf karaa adda addaa yaalu.”

2. “Amantii kee hordofuun dura, beekumsa qabaadhu.”

3. “Yoo gaaffii gaafachuu sodaatte, Ati dhugaa barachuu hin dandeessu Jechuudha.”

4. “Qur’aanni qajeelfama jireenyaati malee kitaaba qofa miti.”

5. “Nama tokko amansiisuuf dura, isa hubachuun barbaachisa.”

6. “Beekumsa malee amanuun, yeroo tokko tokko nama dogoggorsuu danda’a.”

7. “Dhugaan yoo si mufachiise illee, soba caalaa si fayyada.”

8. “Dubbii tokko dhugaa ta’uu isaa qoradhu; eenyutu jedhe, hin qoratin.”

9. “Nama gaarii ta’uun, Muslimootaaf qofa osoo hin taane nama hundaaf dirqama.”

10. “Gaaffiin guddaan, amala guddaa fi beekumsa guddaa fida.”

Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Jechoota Gaggaarii Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል خديجة بن قنة

Address

Jimma
0000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nisaa'ul Jannah Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share