Mooraa Aartii

Mooraa Aartii "Mooraa Aartii Guddiftuu Aadaa, Afaan,Duudhaa fi Seenaati."

Artiin Durattii Tiyaatara. Artiin Bashannana bira dabree Sirna Jiruu fi jireenya ummata tokkoo ibsuu keessatti qoodni qa...
30/11/2023

Artiin Durattii Tiyaatara.

Artiin Bashannana bira dabree Sirna Jiruu fi jireenya ummata tokkoo ibsuu keessatti qoodni qabu Ol'aanaadha. Keessattuu Safuu duudhaa fi Qoor-qalbee hawaasa kaleessaa dabree dhaloonni arraa hubachuuf hojiilee artii gaafas hojjataman ilaaluun gayaadha.

Walaloowwan Wallee Afaan Oromoo durattii ergaa Cimaa fi dhama gaarii kan qaban yoo tahu sagaluma irraa yaadaan Viidiyoo ykn nam fakkii wallee sanii laaluu dandeeysa.

Fakkeenyaaf Wallee Aadam Haarun fi Halloon wallisan tana haa fudhannu. Walleen tuni akkaataa itti dhiirti intala jaalattu takka itti adamsituu fi tooftaa Shamarran dhiira jaalalaa dhugaatiif deemtu itti ofirraa qoratan agarsiifti. Mee walaloo isii laalaa.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Aadam.....
Bareeda uumaan arjoomee keeysa
Filamte seente oonneetoo raasaa
An sumaan faarsaa.

Halloo.....
Nan rarragin mee sobaan na hooysaa
Mee dhaabi narraa Qishnaa fi qoosaa
Waa qabdaa baasa!

Aadam..
Durii eegalee hamma aduu arraa
Faarfamaan namaa hedduudhaa jira.
Hunda sirritti hubadhee laale,
Madaale maraa
An sumaan faarsaa, hin qabdu hanquu
Caaltuu hundarraa.

Halloo. ....
Kun mala dhiiraa itti himan dubraa
Meeqaa na caala hin fudhu sirraa.
Gootaa fi gamna,bareeda qabii
Tuulaa addunyaarraa,
Ragaan dhugoomsii natti as laadhu
Deebisaa biraa.

Aadam.....
Bareeda uumaan arjoomee keeysa
Filamte seente oonneetoo raasaa
An sumaan faarsaa.

Halloo.....
Nan rarragin mee sobaan na hooysa
Mee dhaabi narraa qishnaa fi qoosaa
Waa qabdaa baasa!

Aadam....
Ija tee ifaa ji'aa urjiirraa,
tolli kee yoomuun banne na duraa.
Jaaladhe sumaa takkalleen dubraa
Si nattin geeysu.
Hin sehin qoosaa fi Qishnaa je'ee
Kaniin si faarsu.

Halloo.....
Bifaaf haala koo kam jaalatte narraa.
Mee addaan naaf baasi na faarsuun dura?
As laadhu natti qabxii amansiiftuu,
mirkanii qabdu.
Garuu jaalalaaf dhugaa na bita
Fudhachuun didu.

Aadam.....
Bareeda uumaan arjoomee keeysa
Filamte seente oonneetoo raasaa
An sumaan faarsaa.

Halloo.....
Nan rarragin mee sobaan na hooysa
Mee dhaabi narraa qishnaa fi qoosaa
Waa qabdaa baasa!

Aadam.....
Fiinxee miidhagaa azeebban dubraa
Niin beeka anis hadduutu jiraa.
Hunda dubraa keeysaa wantiin si filadheef.
Ayaa qabaachuu
Bultii jaarrannee sadoof gammachuun
wajjiin jiraachuu.

Halloo .....
Guyyaa wal barree kaasee hamma arraa
Laalcha naaf qabduun hordofaa jira.
Wallaalen sehiin kaniin siin mormu
Afaan Jabaadhee.
Ayaaf deemuu kee beekeetiin jiraa.
Humaa sii fudhe.
-----------///------------

SIIFIIN WAREEGAMA..!=================ija ija keessa wal ilaalleetakka sodaachaa takka kofallee,nadhii dammaa wal obaafne...
03/10/2023

SIIFIIN WAREEGAMA..!
=================
ija ija keessa wal ilaallee
takka sodaachaa takka kofallee,
nadhii dammaa wal obaafne
gorora waliif bulbullee

mudhii keetitti harka maradhee
atimmoo daran ofitti na qabde
si shukkuumee, si hooysinaan
jaalala kee naaf cobde.

ani si hangushee
ati na habbuuyxee
hidhii keetiin hidhii koo qabnaan
ani gorora keen xuuxe.

hafuura kee natti yaafte
foolii qaamakeeti na ulte
addunyaa guutuun dagadha
yaroo ati if jalatti na ukkaamsite.

miirri koo yaroon si arge ni garmaama
Osoo ati hin dubbanne
Miirri kee na kajeelee Ofitti na waama
Osoo ta rabbi dhufteehuu an siifiin wareegama.

fandishee musxafaa ykn Harargittii Teeysan October 3/223. Bakkaan jirurraa๐Ÿ˜Š

"Yaa Rabbi Yaa JabaaIrkoof sumaan qabaaIrkoo fi barkoos ani sumaan qabaaBobbaa fi galaas na tirsi dhiibaaRahmata kee jal...
12/07/2023

"Yaa Rabbi Yaa Jabaa
Irkoof sumaan qabaa

Irkoo fi barkoos
ani sumaan qabaa
Bobbaa fi galaas
na tirsi dhiibaa

Rahmata kee jala na qubachiisi

Aanaafi aantii naa tahi waa hallee
Ani siin qaphee gama khee galee
Khabii jabeessii naa tahi dagalee"

The legend Dr. Artist Ali Birra

Rabbiin ol aane akkana ja'a...ูˆูŽู…ูŽู†ู’ ุฃูŽุญู’ูŠูŽุงู‡ูŽุง ููŽูƒูŽุฃูŽู†ู‘ูŽู…ูŽุง ุฃูŽุญู’ูŠูŽุง ุงู„ู†ู‘ูŽุงุณูŽ ุฌูŽู…ููŠุนุงู‹ Namni lubbuu takka jiraachise, ak...
09/08/2022

Rabbiin ol aane akkana ja'a...

ูˆูŽู…ูŽู†ู’ ุฃูŽุญู’ูŠูŽุงู‡ูŽุง ููŽูƒูŽุฃูŽู†ู‘ูŽู…ูŽุง ุฃูŽุญู’ูŠูŽุง ุงู„ู†ู‘ูŽุงุณูŽ ุฌูŽู…ููŠุนุงู‹

Namni lubbuu takka jiraachise, akka nama lubbuu hedduu jiraachiseeti.

Nama gargaaruuf nama tahuu qoftiin gahaadha hubadhu.

Haadhaf abbaa obboleewwan kheenya kan gaagama hoongeetin beelaaf dheebuun fixaa jirtuuf haa dirmannu. Koottaa lammiin lammiif Gaacheena, waan qabnuun hiixanneefi yoo laanne tarii Rabbiin hammasitti rahamata isaa bal'aan nuuf dirmateefii nu furuu danda'aa.
Roga barbaachisu hundaan hawaasa keenyaaf sagalee ta'uufi lubbuu deebi'ii hin qabne beelaaf dheebuun fixaa jirtuuf dirmanneefi, rakkoofi balaa irra gahaa jirtu tanarraa baraaruuf kootta walii wajjiin taanee harkka tokkoof yaada tokkoon lammii teenyaaf haa waan qabnu gumaachinuu. Akkasuma ammallee rakkoo fi cinqa hawaasa keenyarra gahaa jirtuuf sagalee walitti dhaabbataa ta'e tokkoon falmii gooneefi, namoota dandeettii gargaarsaa qaban irratti dhiibbaa cimaa goone, nulleen karaa dandeenyuun waan nurraa barbaachisu gehee teenya haa bahannu.

โ€ข Account bankii " Ahalul keeyri dhaabbata gargaarsa" kan banameetu jira. Kunoo..

๐Ÿ‘‰ KASIM MAMHED fi AMIN ABDOSH
Acc. 1000466305131 (Commercial bank of Ethiopia).
Lakk.Bil. +251948609527
+251930583770
Asirratti gargaarsa lammiif waan qabdan gumaachuufi dandeessan ....

โ€ข Odeeyfannoo dabalataaf...

khoottaa khunoo as jirraa gargaarsa walitti qabaafi.. waan dandeenyuun haa tumsinuufi liinkkii Whatsapp kanaas Share nuuf godha. Baarkallaahu fiikum..

Follow this link to join my WhatsApp group: https://chat.whatsapp.com/BTbmD2KGwCi1oUdD1OsXSh

18/07/2022

Aartiin maali ?

Aartiiin humna saba tokkooti. Sabni tokko khan sabummaan isaa calaqqifte lalifamtuun yoo aartii horatee qabaateedha. Aartiii kheessatti qabsoo garagaraatu gaggeeyfamaa. Yeroo hedduu nuti dhaloonni amma jiru khun Aartii kan ifii teenyaa dhiifneeti Aartii saba biraa guddisuufi hordofuu filanna. Aartiii saba biraa maaliif hordoftaa jechuu khiyyaa miti beekhi. Garuu duraa kan ifiitiif dursa khennuun dirqama jechuufi. Akka fakkeenyatti yeroo adda addaa Aartii Afaan Oromoon qophooytee fi Afaan Amaariffaan qophooyte irratti garaagarummaa guddaatu jira. Innis yeroo akka hedduu akka ammayyummatti if laaluun aartii khana irra caalatti khan Afaa saba birootiin qopheeyfamu laaluuf onnatana. Khanaafuu irra deebinee if haa yaadannuu if haa barruu aartiin humna meeshaa waraanaa caalaa gabarummaatti khan xiichinuudha.

Of ta'uun Heera uumaadhati.

โœ๏ธ Mooraa Aartii.

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mooraa Aartii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share